Daa'ima Hatuun 1,500,000 Maatii Harkaa Fudhatan
Ijoo Entertainment Ijoo Entertainment
2.19K subscribers
71 views
9

 Published On Aug 11, 2024

īMagaala Bishooftutti Namoonni Daa'ima butuun qarshii 900,000 maatii irraa fudhatan too'ataman

Hagayya 2/2016(BBNO):- Magaala Bishooftuu kutaa magaalaa Duukam Aanaa Xaddachaatti Adoolessa 29/2016 Dargaggoonni 6 daa'ima butuun qarshii 900,000 maatii irraa fudhatan qarshii 840,000 fi Baajaajii tokko waliin too'atamuusaanii waajjirri Bulchiinsafi Nageenya Magaalichaa beeksiseera.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Abiyyuu Mihiratuu akka ibsanitti dargaggoonni kun ta'e jechuun daa'ima butuudhan maallaqa argachuuf gocha kana raawachuu isaanii himuudhan eeruu qaqqabeen hordoffi qaamolee nageenyaa fi deeggarsa uummataatiin guyyaa sadi keessatti too'atamaniiru jedhan.

Obbo Abiyyuun akka jedhanitti namoonni kun too'annaa seeraa jala ooludhaan dhimmi isaanii qoratamaa kan jiru yoo ta'u, daa'imni butamee tures nagaadhan maatiif deebi'eera jedhan.

Oromia Communication Bureau
Oromia Police Commission

show more

Share/Embed