NUUN_TURE || ISLAM CIVILAZATION || NASHIIDAA HAARAA ||
Kebor Multimedia Kebor Multimedia
40.2K subscribers
59,195 views
871

 Published On Jun 25, 2023

إننا الابطال لا نحني الرؤوس
إننا للمجد أرخصنا النفوس
ديننا الإسلام ينبوع البطولة
ديننا الفاروق عنوان الرجوله

Abduse

Gadaa jaahilummaa naannahe dachii
Gaaf dhama'ee namuu fiigu asif achi
Halkan Rooba caala hammaata dukkanni
Aduun diinii gaaf makkaa bahu sanii

Diini kanaan dukkanni dachii ifee
Barri juhliin nu moohe sunis lufee
Ifaan diini dhunfate dachii hundaa
Fadlii isaatiin taane ummata guddaa

Abuja

Gaaf wollaalli dhaale dhuunfate dachii
Jaarra namuu dhama'u asiif achii
Gadaa dachiin wollaalaan golgoloytee
Addunyaan tun makluqaaf dukkanofte

Nuhiin turee kan dachiin olfuudhamee
Gaafas hundii wollaalaan sakaalameee
Ifnee baane hanganeetin makkarraa
Nuuf laatamee kan dachii ibsuu carraa

Tarik


Faaruun kanketi yaa motii zalaalamaa
Nuuf filatte nuuf laatte diin islaamaa
Akka ilmaan namaa haalli gaaromuu
Akka dachiin muslimatti haajomuu


Nut haajomte dachiin dharan golgolaa
Yos Dukkanni irra naannahe goolaa
Nutu kale islaamaan ibse dachii
Dhugaan kanaa hin deemin asif achii

====={================
Jemal

Ifaan diinii yoo wolgahu Aalamaa
Gatii guddaa argate ilmi namaa
Gaafa dachiin argatu haqumma diin
Yoos mulqame kan wollaalummaa machiin

akkamitti diin islaam jibbu bakkee
worri dubraa ta'uu qofaadhaan yakke
ilmoo ofii qabee awwaalu fayyaa
laali seenaa zamana jaahiliyyaa

Nasru

Qaroominna diinii islaamaa durii
Qulqullaahaa takkayyu hin qabne xurii
Gufuun dharaa hin maqsinee kararraa
Kuno darbee dhaloota dhalotarraa

Funyoo jabaan nu hidheetin wolitti
Caalma guddaa arganne hundaa olitti
Ifaan diinii nuuf ifee duraa duubaan
Ejjanneturre fiixee qarooma gubbaa


Keyruu

Diin Islaamaan Eegam kabajni namaa
Tasuma hin sarbamu mirgi namaa
Rakkoo kamuuf ni laatama furmaannii
Akka kanaan kan ibsamu qaroomnii

Jaarraa Addunyaan diiniin hoogganamu
Ilmaan Namaa namummaan kabajamu
Dhabenyaafi qabaachuun hin laalamuu
Jabinna Iimaanaatiin madaalamuu

===================
Abuja

Akki nuti kalee caallen addunyaan
Dubbisneetin dostoora diinii kanaa
Osoo irraa hin sharafini hiiknee hojiin
Kana kan moo'icha keenya icciitiin

Aklaaqa gaarummaadhaan caalla hundaa
Kanaaf taane addunyaa keessaa guddaa
Maqaan keenya dhahmnaan fageenyaarra
Sodatamna deemsa baatii tokko irraa

Abduse

Worri lapheen isaanii diinii baatuu
ISaan Imaana diini gurmu baatuu
Haqumma diin diriirsan gamtoomanii
Addunyaan dinqisiisan qaroomanii

Kan har'a yaamamnuuni diinii sanaa
Kannuti gabbarrulle Rabbii sanaa
Dadammaqii hin rafiin hirribarraa
Beekumsa diin islaamaan sammuu qarraa

Tarik

Yookaan dhalootatu dhaala gabrumma
Dukkanatu fudhata olaantummaa
Diin islaamaan akka qaroomu dhalli
Mooti arshiin nuuf kennameera fallii

Beekumsa diiniitiin ibsina dachii
Nurka jiraa kan Addunyaa qorichii
Isaan gaddaaf gadadon woldhaanamaa
Rakkoon dachii diin islaamaan furamaa

==========================

Nasru
Oso Aduwwiin woraana jibbaa baate
Ittii nannahu kan duraarra jabaatee
Diin islaamaa hunda naannahe dachii
Faaruun rabbiif gaheera asiif achii


Galaanni seenaa kankee hin dhumatuu
Osoo Aalamni hundii woraabbatuu
Heerri kankee kan buufame samirraa
Qaroominni kamu isa hin shaaru harraa

Jemal
Nun sakaalin garaa garummaan yaadaa
Irra hedduun diin islaamaatiif Aadaa
Wolqabanne masakmna qur'aanaan
Yosan geenna galma keenya ol'aana


Garaagarummaan yaada hin dhabamuu
Qur'aanaafi hadiisaan Araaramuu
Yokaa seenee aduwwiin diin nu jidduu
Jawween kufrii mijeeffatee nu idduu

Abuja
Zulmiif hisdiin hin micciirin keessakee
Daandii haqaa irraa hin maqin deemsi kee
Dhugaa qabadhu Akka hadoodu dharrii
Insha'allah hundaafu ni dhufa barrii

Kabaja diin islaamaa wojjiin tiksaa
Islamummaaf obbolumma diin cimsaa
Qur'aanaafi hadiisaan masakamuu
Qooda ofii bahuudha namni kamuu
======================
Nasru
Haa faayamtu adduniyaan adlii diiniin
Haa kuulamtuu diinii islaamaa tiinii
Dhala keenyaaf akka waa keennu borii
Bira hin darbin gara diin islaam gorii


Kan siif malu hamilee yoon argannes
Galanni kee siif galu yoo laaffatees
Addunyaan tun gabaabduudha akkaani
Gatii guddaa siif kafaala rahmaanii

Jemal
Dagamneetin diiniin laaffate nurkaa
Laaffinna keessa jirru hundi arkaa
Silaa Osoo qur'aana harkaa qabnuu
Kiyyo aduwwii jala ta'uu hin qabnu

Cabni islaamumma caba addunyaatii

show more

Share/Embed