Hariiroo gaa'ela kutaa 1ffaa
Biftu Bole MY Congregation Biftu Bole MY Congregation
10.2K subscribers
6,076 views
380

 Published On Premiered Oct 8, 2023

HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
Kutaa 1ffaa
Aadde Leensaa Guddinaatiin

Waa'ee gaa'elaa ilaalchisee gaaffiin dargaggoota baay'ee, 'nama kan koo ta'e akkamittan adda baase gaa'elatti gala' kan jedhu dha.

Gaa'elli maalii? Eenyutu dhaabe, maalif hariiroo [gaa'elaa] akka dhaabe sirritti yaadanii hubachuun barbaachisa dha.
āš ļøYoo kana hin taane fedhii Waaqayyo dhiisne fedha mataa keenyaa qofa gara dhaga'uutti deemna. (2Xim.4:3-4)
Waaqayyo fedhii mataa keenyaatti dabarsee yoo nu kenne immoo baay'ee ulfaataa dha. Kanaaf dargaggoonni "eenyun fuudha/eenyuttin heeruma?" kan jedhu yaaduun dursa, fedha Waaqayyoo waa'ee hariiroo gaa'elaa irratti qabuu fi hariiroo mataa isaanii Waaqayyo wajjin qaban maal akka fakkaatu ilaallachuutu ta'a.

Namni fayya-buleessi kamuu gaa'ela naga-qabeessa barbaada. Kanaafis yeroo, qabeenya, waan hundumaa isaa...aarsaa (invest) godha. Duudhaa (value) geddaruun yoo barbaachisees kana gochu irraa duubatti hin deebi'u. Mee dursine yaada Waaqayyo gaa'ela irratti qabu haa ilaallu.

šŸ›‘Waa'ee gaa'elaa irratti yaadni Waaqayyoo maali?
šŸ’ Gaa'elli yaada Waaqayyooti
šŸ’ Gaa'elli mucaa Waaqayyooti (abbaan gaa'elaa Waaqayyoo dha)
šŸ’ Gaa'elli abjuu Waaqayyoof dhugoome dha
šŸ’ Boca (design) gaa'elaa kan hojjete Waaqayyoo dha (Mar. 10:7)
šŸ’ Waaqayyo gaafa gaa'ela uume bifa eenyummaa isaa (trinity) calaqqisiisuuni dha
šŸ’ Namni gaaf gidduu seenu, boca (design) isaa kanatti bu'u Waaqayyo ni dheekkama (Mar. 10:9)

āš ļøAddaamiin alatti uumamni hunduu "ta'aa" jedhamanii uumaman. Addaam (namni) garuu eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan uumame. Innoo bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin biyyoo lafaa irraa tolfame (Uma. 1:26). Lubbuu akka qabaatuufis Waaqayyo hafuura jireenya itti godhu itti baafate (Uma. 2:7)
āš ļøUumamuu (tuttuuqqaa Waaqayyoo) kana keessa namni (Addaam) hariiroo Waaqayyoon wajjin qaba ture. Jechuun, osoo Hewwaanin hin beekin dura Waaqayyoon beeka.
āš ļøAddaam qofa miti, Hewwaanis eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan lafee cinaachaa Addaam keessaa fuudhame irra tolfamte (Uma. 2:21-22) Isheenis akkasuma uumamuu ishee keessa Waaqayyo wajjin hariiroo qabdi turte. Addaamiin osoo hin beekin dura Waaqayyoon beekti turte.

ā—ļøEgaa Addaam fi Hewaan hariiroo walii isaanii waliin qabaachuun dura, dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti Waaqayyo wajjin hariiroo qabu turan jechuu dha.

ā˜ļøKuni hariiroo gaa'elaa dura hariiroon Waaqayyo wajjin qabnu murteessaa ta'uu isaa argisiisa.
ā¤ļø Jaalalli jalqaba Waaqayyo wajjin shaakalamuu danda'uu qaba.

šŸ«µKanaaf waan hundumaa dursa ulaagaan jalqabaa turtii fi hariiroo namni gooftaa isaa wajjin qabu ta'uu qaba. Namni kun hammam na jaallata utuu hin jedhin dura hammam gooftaa jaallata isa jedhu gaafachun ba'eessa taha.

šŸ›‘Ga'ee Waaqayyoo gaa'ela keessatti
šŸ‘‰ Waaqayyo abbaa gaa'elaati erga jennee, ga'een akka abbaatti dalage isaan armaan gadiiti:
šŸ”¹Dhiyeessuu (providing)
Uma. 1:29
šŸ”¹Qajeelfama laachuu/barsiisuu (Giving guideline)
Uma. 2:16
šŸ”¹Eeggachiisuu(Warning) Uma. 2:17
šŸ”¹Karoora baasuu(Planning) Uma. 2:18

šŸ‘‰ Karoora baasanii hojjechuun amala Waaqayyooti. Eegaan namnis amala kana Waaqayyo irra barachu qaba.

Walumaagalatti, namni hariiroo gaa'elaa uummachuun dura, hariiroo Waaqayyo wajjin qabu jabeeffachuu qaba. Amala Waaqayyo irra baratee nama hojii tahuutu irra jiraata.

Maqaan Waaqayyo bara baraan haa eebbifamu! AmeenšŸ™šŸ»

show more

Share/Embed