Mil’uu qorannoo
OBN Oromiyaa [Oromia Broadcasting Network] OBN Oromiyaa [Oromia Broadcasting Network]
657K subscribers
8,508 views
147

 Published On Aug 19, 2024

Bulchiinsa Lafaa Saamicha Jala Baraaruuf Labsii Dambii Fi Qajeelfama Hojmaata Sirri Baasun Murteessadha. Qabeenya Dhumata Lafa Dhoota Dhalootatti Dabarsun Ammo Akka Dhootaaf Gala Olkaayuuti.
Bulchiinsi Lafa Investimantii Adeemsa Isaa Sirreessuun Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Seektara Lafaa Fi Invastimantii Daddabarsa Lafa Hojmaata Sirrii Eegsisuun Akkaatama Kaayyoo Ganama Lafti Oromoo Abbootaan Eeggama Sirrata Turterti. Kaayyoon Lafa Investimantii, Industirii Babalisuu, Carraa Hojii Uumuufi Badhaadhinna Diinagde Biyyaa Utubuun Galma Qabame Bira Gahuuf Garagaara. Kallatti Kanarraa Maqnaan Bu’aan Biyyaa Hafee Kiisa Garee Muraasaf Yoo Oole Kufaatidha.Harra Yeroo Magaalonni Guddinna Ariifataa Keessa Jiran Kanatti Manneen Mootumma Labsii 47/67 Dhaalaman Handhuura Magaalota Keessatti Argama Kun Ammo Invastimantiif Filatamoo Taasiseera. Manneen Jireenya Labsiin Dhaalaman Yeroo Invastimantiin Darbu Bakka Bu’a Ijaarsi Isaatis Kan Duraan Keessa Turan Dhibbeenta 70 Fooyya’e Ijaaramu Qaba. Magaalaa Asallaatti Manneen Dullooma Daandiirra Jiru Misooma Caaluuf Oolchuun Magaala Jireenyaaf Mijattuu Uumuuf Gumacha Olaanaa Qaba
Misoomni Magaalaa Hojii Jajjabeeffamu Qabu Ta’us Manneen Bakka Bu’an Qulqullinna Ijaarsa Irratti Rakkoon Jiraachu Jiraattotatu Komata
Yeroo Itti Fayyadamni Annisaa Jireenyaf Murteessa Ta’e Irra Gahame Kanatti Nyaata Dhugaatiin Annisaa Ala Hin Bichaatu Jiraattonni Magaalaa Asallaa Manni Bakka Bu’iinsa Ijaarameef Ibsaan Koonditiin Dhaaba Manaa Keessan Diriiru Osoo Qabu Akka Haada Daarabaaftu Mana Keessa Diriirsuun Eelen Buddeenafi Istoofii Malee Jiraachuun Akka Hin Danda’amne Osoo Beekan Manni Nuuf Hojjatame Keessa Ibsaan Sirnaan Diriiru Dhabuu Jireenya Nutty Hammeessera Ummanni Komatu Warra Dhimmichi Ilaallatu Gaafannerra
Misooma Magaalaa Asallaa Nibarbaanna Garuu Rakkoon Qulqullinna Ijaarsaa Fi Manni Fincaanifi Dhiqannaa Qaama Dhiphadha Komii Jiraattonni Jedhan Itti Gaafatamaan Mana Qopheessa Magaalaa Asallaa Dhugaa Miti Jedhani Arginee Mirkaneeffanneera Ija Kaamera Keennanis Waraabneerra.

Dureeyyiin Manneen Mootummaa Labsii 47/67 Dhaalaman Ashaaraan Isaa Bakkaa Baduu Waan Hin Qabneef Manneen Bakka Bu’iinsa Ijaaru Qaban Magaalaa Asallaatti Dureeyyii Manneen Kanniin Bakka Buusan Jedhaman OBN Odeeffate Manneen Kanniin Bakka Buusne Ijaaruuf Qabeenya Kenna Hin Qusanne Haata’u Malee Qulqullinna Ijaarsaa Irratti Rakkoon Nuqunnameera Ogeessi Hojii Ijaarsa Kana Fudhate Karaarratti Gatee Akka Jalaa Bade Komatu.

Qabeenya Kenna Hin Qabbooti Qabeenya Mana Bakka Bu’iinsa Ijaaran
Namoonni Giddugala Magaalaa Asallaarra Misoomaaf Ka’anii Ganda Kombolchaa Bakka Lama Qubatan Obn Odeeffate Muraasi Ni Komatu Kanneen Biroo Ammo Gammachuu Qabu Kunis Ijaarsumaan Walqabata.

Dhugaan Lafa Jirtu Akka Obbo Ahmad Qaasim Jedhani Namoonni Komatan Handhuura Magaalaa Keessa Waan Ka’aniif Qofa Osoo Hin Taane Manni Ijaarameef Hanqinna Qulqullinnaa Qabachuu Taajjabneerra
Dhiphinni Mana Fincaaniifi Hanqinni Qulqullinaa Ijaarsa Hordoffii Cimaa Dhabuurra Madda Obbo Ahmad Qaasim

Daddabrsi Lafa Investimantii Hojmaata Seeraa Eeggate Misoomu Qabu Hanqinna Gaggeessummaan Misoomu Dhabe Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Ta’aa Tureera Deddeebisa Abbooti Dhimmaas Baayiseera Baayinna Manneen Mootummaa Labsii 47/67 Dhaalaman Manneen Jireenya 3751 Fi Manneen Daldalaa 161 Qabdi Magaalaan Asallaa.
Manneen Kunniin Baayinnaan Daandii Asallaarrra Garaa Baalee Geessu Qarqararratti Argamu.Manneen Kunniinis Turmaatarra Dulloomaniiri Guddinna Magaalattis Qancarsaniiru. Manneen Kanniin Bocaafi Qabiyyeen Isaa Bakka Buusuun Misoomaaf Oolchuun Hawwattumaa Fi Magariisumaa Magaalaa Asalla Ni Dabala. Akka Ragaan Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Asallaati Arganne Eerutti Manneen Labsii Kanaan Dhaalaman Hedduu Misoomaa Caaluuf Oolchaaru Namoota Keessa Jiraataniif Ammo Manni Bakka Bu’iinsa 70% Fooyyeffamanii Ijaaramaru

show more

Share/Embed